Tapha dhugaa, ka’i mugaa
Abbaa Tolaa: ( eega nyaatarraa bayanii ) Nyaata gaarii gootan kaa
Haadha Zahra: ( biddeena olfuudhaa ) Haga Dabrituu teessasnii hingoonu
A. Tolaa: Keessantu caala
Abba Zahra: Mee amma buna dhuuyna
A. Tolaa: Nyaata booda akkuma atuu beektu buna hindhugu ani. Deemee waan kiyya san liqimsuu fedha. Amma bishaanuma natti kennaa.
H. Zahra: Waan keessan nu hinqabnuu maal goona ree?
A. Tolaa: Baga hinqabaatinuu. Anuu yoo tokko tokko malee dhiisuu barabaada.
A. Zahra: Yoo dandeette dhiisi abboo
A. Tolaa: Ati caatii tee qabda
A. Zahra: Bari ani caatii amma ji’a tokkoo oli afaaniin hinqabne. Dhiisuu kiyya, yoo rabbi jedhe. Mataa gara na galchite.
A. Tolaa: Nu namni waan feene ofumaa goonee, ” yoo rabbi jedhe ” jenna.
H. Zahra: Dhugaa keessani. Amma waggaa gayee jira haga ” yoo rabbi fedhe…”
A. Tolaa: ( H. Zahraatiin ) Amma ji’a tokko eega dhaabee asi gaarii mitii?
H. Zahra: Gaarii gaarii
A. Tolaa: Ani yoo tokko guyyaa sadi walitti aansee caatii nyaadhee, ( qubaan akeeka ) Mataa qofaa mitii asii gad na laamshissite.
A. Zahra: Caatiin nama hinlaamshessituu wama biraa yootaa…
A. Tolaa:Akkam! na laamshissite , dhugaa kiyya…( harka afaanirra qabate achi jedhee A. Zahraatti waa hasaasee kolfa)
H. Zahra: Sila maal nurraa dhoysitan?
A. Tolaa: Homaa miti waan biraati, haaahaha!!
H. Zahra: Isinillee adaa nama sossobdani?
A. Tolaa: Lakki lakki!! Dabrituun ati dhiiraamiti naan jette.
H. Zahra: Ee banne!
Huseen (mucaa xiqqaa ): Eeeeehiiiiiii
A. Tolaa: Maali abichoo maaliif bootta?
Huseen:( Obboleetti isaatti akeekaa ) Foon kiyya nyaatteeehiiieeeh!
H. Zahra: (huseeniin ) Foon keetiimiti foon lukkuu nyaattee cal’isi Amma
A. Zahra: Mee waa itti kennaa nurraa haa cal’isuu
H. Zahra: Ila hoo’u kana (huseeni baafte waa keenniti . Zahraan) Sila ati ka isaa maa nyaatta intalaa?
Zahra: Yoo namni nyaatu nama waliin hinnyaatuu, eegasii taa’ee namaan cuuleffata
A. Tolaa: (Zahraan ) Ati cululleedha kaa ( kolfaa ). Mucichii (ol laalaa ) dhugaa jedhe. Ujoolleen dhugaa dubbatti. Namni har’a foon walii nyaata.
A. Zahra: Keessattuu ka waliin hinyaanne.
A. Tolaa. Dhugaa keeti.
Zahra: Aaah! (Huseeniin ) Maa na boccoorta?