Teater: Waan adii laga gadii

Nama sadituu manatti waliin haasawa.

A: Abboo dukkana keessaa oltari

B: Ani dukkana jaaladha

A: Dukkana jaaladha! Taa’i kaa dukkana keessa maaltu nugaye.

B: Yoo ifaa, ijji kana laali , san laali naan jetti, nagaya hin’argadhu.

A:  Nagaya hin’argattuu! Akkam, akkam si dubbisa har’a?

B:  Ani dukkana hinjaaladha siin jedhe. Wanni ani hinjaalanne ibsaa.

A:  Ani lachuu hinjaaladha. Waan tokkorratti gogee hafuun maal naa godha!

C: (balbala booro irraa) Ani ibsaa malee dukkana hinbeeku.

A: Kanaafuu fuulli kee ifa.

C: Eee! galatoomi.

B: Ibsaa malee akkam dukkana hinbeeine?

C: Halkan hinrafa. Namni rafu dukkana hin’argu.

B: Guyya hoo?

C: Guyyaa dukkanni eessa jirti?

A: Nu hinjifatte intalli.

C: Waan adii laga gadi!

Ujoolle mee seenaa guddoo keessa seena

joolle laga gudda mee daakki malee ceenaa?

A: Amma oltari kaa

B: Jettanii ree?

Leave a Reply