Olkaanee miilaa keennarra dhaabachuuf haala itti waa dhoysanii fi haala waa itti ifa baasan addaan beekuun murteessa.
Yoo tokko paaltook balbala Oromoorratti namni Oromoo tokko ka ani amma maqaa isaa hinyaadanne nu Oromoon badii teennaa fi badii dhaabbii siaasaa teennaa dhoyfachuu nu barbaachisa jennaan namni Habiibi Oromia jedhamu deebii bareeda kenneef. Dadhabbii teenna ta asirratti nu dubbannu tana bari diinnii ummata keennaatuu akka gaarii beekaa jedheen. Dhugaa isaatii. Dadhabbii teenna ta nu ofitti hinbeeinee hedduu diinni keenna waan beeku natti fakkaata. Haqatti wanni dhoyfachuu barbaachisu hinjira. Fakkeennaaf, socho’a hedduu ka dhaabni yookaanii waraanni isii guyyaa guyyaan godhuu fi, walumatti qabatti, sagantaa hujii ( program of action ), keessattuu bakka naannoo Oromia ta blisa taatee ( liberated area ) hinqabnettii fi magaalotatti wanni dhoyfachuun dirqamaa asii asii miti. Garuu dadhabbinnaa fi rakkoo siaasaatii fi ka hundeeffama dhaabbi (structural problems ) doyfachuun mataa isaattuu dadhabbinna guddaa. Ummanni dhaabdi dhiiga ujoollee isaatii fi qabenna isaatiin qabsooftu geegessaa isii qabsaayotatuu flata moo geegessamatu abbaa fedhii jalaa kongressatti waame of flachiisa gaafii jettu akka gaarii karaa karaan hubacchuu qaba.
Ummanni waan kana akka cimaa hinhubanne ummata dammaqaa of beekuu miti. Alaa keessaanillee abbaan fedhe qabsoo isaa itti taphatee faaydaa irraa bufachuu dandaya. Haala qabsoo Oromootti, fakkeennaaf, wanni kuni hagam takka argame, ammallee argamutti jira, eennutuu iiti gaafatama jeennee walgaafachuun yoo barbachisellee waldura dhaabannee dhugaa beekuu fi ummataallee himuun dirqama qabsooti. Garuu rakkoo qabsoo teenna hedduu akka jabaa laaluuf gad buunee haala ummata keennaa beekuu qabna. Dadhabbinna dhaaba yookaani dhaabbii qofa laaluu bira tarree fageessinee oftooyachuu qabna natti fakkaata. Maaliif? Yoo dhaabiin jirtu dadhabbinna isii ciccimaa irraa ka ka’e qabsoo ummataa geegessuu ka hindandeenne taate dhaaba haarawa maaltu ijaaruu nudhoogge gaafiin jettu ofumaan kaati. Namni gaafii tanarra utaaluu barbaadu heddu nu keessa. Kunillee sababa qaba. Gaafiwwan tanniinirratti haga dandeettii tiyyatti dhamaan barreessuf ofirraa, jechuun, waan ofii beeku, waan ofii arge fi waan ofii godherraa yoo ka’ee garii natti fakkaata.
Ani haga dhaabbiin Oromoo bebeekamtuun, durandursee ABOon, qabsoo ummata Oromoo geegessuu hindandeettu laalcha jedhutti gaye ture. Sababni mara irra guddaa ka laalcha kanatti na geesse: Geegessoota dhaabbii tanaa qabsaayonni waan hinflatiniif adeemsa qabsoo namoonni oofan namoota namuu qabatamatti tooyachuu hindandeenne waan ta’aniif. Balleessaan argame garri irra jirullee kanarraa argame jedha. Namoonni kuni akka nama tokko tokkootti namoota gaarii yookaanii badaa ta’uu hindandayan. Dubbiin dubbii namoota, akka nama tokko tokkootti tuffachuu yookaanii samitti olfuudhuutiimiti. Geegessaa waliin dalaguu dandayu, ka qabsaayonni flatan qofatu qabsoo akka barbaachisutti geegessuu dandaya. Kaayoo bareedduullee yoo qabaanne namoonni qabsoo geessan fedhii ofii qofaan ka deeman yoo taate, faaydaan guddaan hinjiru yoookaani balleessaa gara garaattu argama jechuu kiyya. Adduniyaa tanarratti kaayoo bareeda meeqa agarre ta faallaa isiitti qabatamatti dalagame. Kaayoo gaarii namni tokkoo lamallee adda taa’ee barressuu fi ila nu dhaaba siasaati ofiin jechuu hindandayan yoo ka hinsaalfanne taate. Yoo hedduu biyya kaapitaalistiituu Lenin wal’amantiin gariidhaa, waltooyachutuu sanirrallee gaarii jedhe jedhama.
Ani eega EPRDF dhiise 1994 haga xiqqoo odoo biyya Germaniitti ashindeebi’in dhaaba haarawa namoota yaanni keenna walitti dhiyaatu waliin ijaaruu jalqabuu guddaa yaade. Haat’uu malee, haala kiyya ka yoosaniitti namoota laalchi keenna tokkoo yookaanii walitti dhiyaatu ka amantii fi qophii qaban arguun waan laafaa hinturre. Kanuma waliinuu namoota tokko tokko ka amantii irraa qabu waliin yaada kana kaasuu dandaye. Maal nu duruu kanaamitii ka sirraa eeguu turre jedhan. Guddinnaan waan gammadan natti fakkaate. Yoo sadihii afur dhoysaan baakka bakkatti walgeenne waan tokko tokko gochuu dandeenne, fakkennaaf, sagantaa siaasaa qopheefachuu (draft political program ), seera yaroo ka keessaa ( internal rules), waan biraallee hedduu lafa kaayanne. Duraandursee sagantarratti hundeeffamne nama guddifachuu yaalle, eegasii geegessaa yaroo flachuuf. Xiqqo boodaa bal’ifnee akka Woyaneen odoo hiddi keenna dachii keessa seenee hinjaabaatin nu hinballeessine maal haagoonu gaafiin jettu jabaattee ka’uun dirqama ta’e. Ol’aantonni Habashaa ta Woyaaneetii fi ta isii alaallee dhaabbi siyaasaa ta nagayaan dalagdu yootokkollee waan hin’eeyyamneef karaan qabsoo guddaan karaa dhoysaan yoo dheeraa itti dalaguu dandeennu qofa ta’uun nu maraafu ifa ture. Odoo qabsoo waranaa jalhinqabin dura waa heddu gochuu barbaanne.
Garuu akkuma guyaan deemuun namoonni waliin jala qabne sababa gara garaatiin walqunnamntirraa hafuu qofa odoo hinta’in duuyda duubaan gariin jaraa akka amantiillee walirraa hinqabne ifa naa godhan. Dubbiin kuni guddaa na dhukkubse. Karaa tokkoon shakkii malee wanni qabatamaan hinturre, karaa biraatiin shakkii fi rakkoo biraallee ta jidduu namaa jirtu walbiratti kaasaanii, walgaafatani, yookaanii walduraa dhaabatanii hiikkaa arguun hindandayamne. Sababni kennamuu walkabajuu fi walmadeessuu diduu fi yoo ani waan kana kaasee ifatti dubbadhe ebelu diina natti ta’a yaada jedhu fa’a ture. Wanni na dinqe namoonni kuni guddinnaan namoota baroomsa qofa odoo hinta’in dammaqqii siaasaatille walumatti qabatti qabu turan. Odomaa akkanatti deemnu namni sirnaan walgayu nama lamaa sadi qofa taane. Dhumatti ka sadafaallee rakkoo guddo himatee hafe. Tokkochi nawaliin hafellee guddaa naaf sodaatee yaroof akka ani biyyaa ala bahu na gorsuu jalqabe. Dhugamattuu ammoo Woyaaneenillee wayta san akka malee na hordofuu jala qabdee turte.
Lafii ib yoo qad qabee laalu, rakkoon rakkoo walirraa amantii dhabuu qofa yookaanii Woyaaneen nutti beekee akka malee nu godha qofa odoo hinta’in rakkoo guutumatti sagantaa waliin lafa kaayaannetti yookaanii kaayottuu dhugumaan amanuu dadhabuu turte natti fakkata. Jechi tokko ka yoo heeduu namni irra deddeebi’uu ture maal harkaa qabna yokaani human maal qabna ka jedhu ture. Deebiin saniif ani kennuu ture waannummaan nu ofjiaaruufuu yookaanii qabsoofnuufuu huumna godhachuufi, akka waa harkaa qabaanuufi deebii jettu turte. Afaaniin dhugaa jette odoo naan jedhanuu deebiin tiyya akka jara hinquubsin arguu ture ani.
Amma mee namni biyya jiru sababa garagaraatiin haga ammaattuu dhaaba haarawa ta qabsoo teenna geegessuu dandeettu ijaaru dadhabe haa jennu. Alatti nu warri dhaabbiin amma jirtu qabsoo Oromoo akka barbaachisutti geegessuu hindandeettu jennee laallu wanni biraa haa hafuu foorama tokko ijaarachuu maaltu nudhooge keessattuu nu warri biyyoolee demokrasii keessa jiraannu jennee walhaagafannu.
Paltookirratti namni soda malee blisa ta’ee yaada ofii calanqiisuu dandayuun waan guddaa. Kanaafu yoo naa mijjaawu mara mataa kiyyaan dubbachuullee haadhabuu warra blisummaan dubbatu hincaqasa. Garuu qabatamatti paaltookirratti namni akka gaarii walbarachuu yookaani qabsaayu hindandayu. Paaltookiin diinni keennalle akka cima itti fayyadamutti jira. Foorama keessatti namni qaamaan walbaratee waan namni heedduun irratti walhindhabne heddu hojjachuu dandaya. Namni fooramarratti akka gaarii walbarate fooramaa alattillee waan foorama keessatti waliin hindalagne dalaguu dandaya. Warri dhaaba haarawa haa ijaarruu jedhee dhugamaan yaaduu hawwii qofa odoo hinta’in qabatamatti akka biyya teenna keessatti qabsaayuu dandeennu mijjeessuu fi alatti fira qabsoo teennaa akka itti argatanillee gochuu dandaya.
Gadaan tuni gadaa information age jedhamtu. Internet qofarratti guyyaan nama milliona 400tu walqunnama. Wanni face book jedhamu beekama. Kana malee twitter, skype, msn, netlogii fi wanni kana fakkaatutuu jira. Waan kanniin hagam takka qabsoo teennaaf itti hojjachutti jirra? Qabsoo teennaaf faaydaa mataa keennaatiif odoo hinta’in. Oddo wanni nu barbaannu martillee ka jiru taate yoo itti hindalagatin dalagarra wanni oola hinjiru. Diinni keenna oddo nu teenee rakkoo gara garaa himannu waan kannin marattuu akka cima dalagachutti jira.
Hinrifatinaa haala keenna hedduu gad qabnee yoo laalle. Akka natti fakkaatutti diinni keena, Ol’aantonni habashaa, warri nu cunqursu, aadaa hamtuu fi rakkoo saaykolojii ta barbaadan yaroo dheertuu cunqurssaa keessatti nu keessatti umanii jiran: walshakkuu, wal’amantii dhabuu, laafaa tuffachuu, ka huumna qabuu sagaduu, of wareeguu sodaachuu, waa dhoysuu fi yaadaan waa xaxxaxuu (intrigues), qarummaa, kijibaan walkabajuu, wanni nu yaannuu fi wanni nu goonu gara gara ta’uu, waan namni alaa nuu himu malee ofii surrii teennaan yaaduu fi waan harawa qabsoo tolu barachuu diduu.. Afaanumaa fi aadaa garituu nuu hafe malee akki nu itti yaannu, akki itti nu waa abdannu, akki nu itti daddfne mufannu, aarru akka aadaa warra sirna abbaa lafaa, akka habashootaati, keessattu odoo hinbeekin aadaan Amaara hedduun nu keessa jirti, islaama kristaana odoo hinjedhin. Rakkoon tuni nu keessatti walirra guddoodha, ta’uu dandetti. Cunqursaa Habashaa qofa jibbuun blisa hintaanu. Aaddaa fi saaykolojii isaatii alatti yaaduu dandayuu nu barbaachisa. Oromoon, Afar, Somaleen, Sidaamoon, Guraageen, Adareen, walumatti qabnee saphoonni cunqurfamaan Empirii Itoophiya haga ol’aantonni Amaaraatii fi Tigree jara hinmooyin dura akka biraatti yaaduu turan: of’ulfeessuu turan, sodaan surriin jaraa hinlaamshoyne, yoo maraa diina dura dhaabachuuf guddisanii qophaayaa turan, haqaa fi dhugaa har’a caalaa jaalachuu fi ulfessuu turan. Aadaa fi surriin ol’aantota habashaa xurii akka fooyetti nu ofirraa dhiquu hindandeenne nu keessatti uuman. Haalli hedduun jecha tokko na yaadachiisa.Togoogoo yoo hindhiiyna jedhan maal taati jedhan? Yaada xuraawaaniin surriin namaa guutamurra qullaa ta’uu woyya. Waan qullaa waan harawaan guutuun hindadayama. Garuu dullacha gad naquu nu barbaachisa, odoo akka waan keenna ta’eellee nutti fakkaate. Keennallee badaa akkasuma gad dhiisuun dirqama. aadaan badduun nu keessallee asii asii mit. Warra nu cunqursu qofa yoomaraa aalachuun hinta’u. Dhugaan waldura dhaabachuu ofhaabarsiifnu, odoo walhinlolle.
Garuu ilmi namaa rafee hinhafu. Duutillee guutumatti isa hindhabamsitu. Akkuma dhugaan ifaa deemtutti dharri salphataa deemti, akkasuma ofitti amantiin namaallee guddataa deemti. Badiin kaleessa itti dukkaneensan ifa baati. Yoo ukkaamsanillee, deebitee olbaate dhooti. Wikileaks waan isiin keessa jirtu dhagayuu hindhabdan. Biyaa demokrassii keessatti dhugaa warra awwaaluu barbaadutu jira. Garaa murannee haaqabsoofnu karaa dandayame karaa haqaa maraanuu….. Mootummaan Woyaanee biyya keessaa fi Somaalettillee nama hagam lafarraa fixxee (genocide), eennutu isii duuba dhaabachuu ture, akka nama tokko tokkoottii fi akka mootummaattillee? Dhugaa heddu yaroon beekuu dandeennu fagoo hinta’u. Garuu Wama alaa dhufu eeguu dhiifnee mee waan biqilee guddatu tokko tokkollee ta’u qabsoo teennaaf haagoonu, obboleewwan, obboleettiwwan tiyya.