Mootummaan Woyaanee kaadiree issiitii fi ummatootallee jarjarsutti jirtrti. Namoota lakkoofni jaraa
iqqaattu yoomaraa ilma namaatti faaydaa ofiitiif jecha taphata. Anii haga xiqqoo Woyaanee waliin dalage gara dhumaarratti wanni ifa naa ta’e: namni isii jalatti dalagu qaamaa fi surriinillee akka nagaya hin’arganne. Warri gubbaa jiru duraandursee Meles Zennaawii nama gara nyaatii namaa yookaanii rahmata, saba biraa dhiisiitii, ka offitiifuu hinqabne. Garuu sabboonummaa Tigree akka hama itti dalagatan yookanii fayyadaman (exploiting extensively) akkuma Amaarri, maqa Itoophiyaa jalatti dhokatee Amaarummatti dalagate. Rakkoon eessa jirti? Warra gubbaa jiru namni jalaa jara filate, ka yoo barbaade jara buusuu yookaanii tooyachuu dandayu hinjiru. Abbaa fedhan hojjachiisanii abbaa fedhan ari’an. Kanatti Meles , Mengistuun, Haile Sellassee fi Minilik waan addaan jiran hinqaban. Namni kanaamiti jedhu nama ofsossobu, yookaanii bu’aa ofiitiif dalagu qofa. Nama garaa ofiitiif gabroome qofa.
Itoophiyaan jalaqabuma issiirraa qabde biyya mootonni abbaa fedhan jiraachisani, ka fedhan ukkaamsani yookaanii ajjeesanii itti jiraatani. Kun waan durirraa beekamuu ture haarawaamiti. Wanni haarofni: Woyaanee fi Dargiin maqaa walqixxummaatiin ummata ijaarsa qabalee keessatti harqoota gara garaa itti baachisanii yaroo isaa waan gara garaatiin guutuun guyyaa guutuu akka inni asi achi fiigu, haga dadhabee lafa dhayutti fedhii ofiitiin jiraachuu jecha gabra ta’ee akka jiraatu godhani. Ummanni akkanaa kuni waan siyaasaa yaaduuf yaroo hinqabuu, yoo hirriibaa ka‘e asii achi fiiguu malee. Malli, ( tactics) Woyaneen itt dalagu mala Machiavelliti. Woyyaaneen 1991 irraa qabee haga har’aatti sharrii fi qaaruutumaa qofaan( intrigues) umrii baafachutti jirti akkuma isii dura mootummaan Amaara goote.
Affaan saphootaa cunqurfama eeyyamuun, ujoollee saboota cunqurfamaa ta isaa gabra taatee hojjattu qabachuun, kutaa bulchaa ka kijibaa uumuun, seera isaa kakijibaa keessatti haqa sabni cunqurfmaan fottoquuf qabuu beekuun, garagaarsa alaa dhufuu akka hamaa faaydaa mataa ofiitiif ummata harkatti galfachuuf itti dalaguun, nama isa dura dhaabate ari’uun, ajjeesuun, hidhuun dalaguu dandaye Woyyaaneen. Kana malellee yaada chauvinismiin ummata Habashaa sossobuuf rakkoo lolaa ta waraanaa biyyoolee ollaa waliin uumuun: Somaalee, Eertira, har’a Misra, bori yoo feete Ijaabuuti xiqqoolle waliinillee.
Waan biyyooleen seensaa isa duuba dhaabattuuf saboota yookaani sanyii namaa lafarraa haxaawuun, gorra’uun ( ethnic cleansing)Woyaneen Naannoolee gara garaatti, keessattu Ogaadinitti wanni inni dalage haga ammaatu akka barbaachisutti hinbeekkamne adduniatti.
Rakkoon maali? . Mootota Amaaraatii fi Tigree ( emperors) mee yaroof haa dagannu. Warra maqaa dhaabbii gara garaatin maqaa haqaatii fi walqixummaatiin socho’e, har’allee socho’u qofa haa laallu. Ka Tigreetii fi Ka Amaara qofa odoo hinta’in, maraa. Dhugaan bakka marattu takkitti, lamaamiti. MEISON, EPRP, EDU WPE, EPDM, TPLF fi dhaabiin jaraa as uumamtellee ta biraa haga ammaattu ta Empayrii Itoophiyaa keessatti dalagdu takkallee ta geegessaa isii miseensi filatee toyachuu dandaye hinjirtu. Duwaa..
OLFiinillee itti dabali. Maa walsossobna? Nama mara irra namni laafaan nama ofsobu. Melesii fi warri isa fakkaatu nama biraa soban malee ofhinsoban. Keessattuu, akka natti fakkaatutti, saphoota Itoophiyaa keessaa namni akka Oromo ofsobu waan jiru natti hinfakkatu. Miidhama isa irra gayuuf namni ofsobuu duraandursee ofmalee wanni inni aalatu jiraachuu hinbarbaachisu. Waan kana irra deddeebi’uu nu barbaachisa haga dhugaan ifa taatutti. Ani nama Oromootiin dura ka’ii of ijaarii waraanaan yookaanii siyaasaan qabsaayi hinjedhuun. Dura ofbeeki, haala keebeeki, dhukkuba si keessaa fi sii ala jiru beeki jedhaan. Ummanni keessattu dhukkuba isa kreessa jiru hinbeeine akkamitti of yaalaa? Akkamitti diina ofii dura olka’ee dhaabata?
Akka natti fakkaatutti waan mara dura takkaa mee haa dhaabannu. Maal jechuu? Jarjara haa dhiifnu, warra nu jarjarsurraa haafagaannu. Suutatti haala keenna haa laallu, suutatti hafuura fudhataa haa yaannu , haa xiinxallinu, haa ofgaafannu, haa walgaafannu.. Warri nutti dalagatu akka yoomaraa nu jarjarru, akka yoomaraa nu waldoggomnu, akka nu walgeennee, gad teennee yaaduuf yaroo hin’aganne nu gochuu barbaada.. Nama wal’amanu addaan facaasa. Nucaalaa nama nuu yaadu offakkeessa.
Haga ani Woyanee waliin dalage, Woyaaneen yaroo yookanii wayta an qabaachuuu ture mara hujii gara garaatiin guute. Hirriibaafuu wayta gayu argachuu hindandenne. Yoo hedduu surreen rafuu ture ani. Galgalaa ganama qorannoo (gimgamaa) kijibaa irra taa’uun Maaliif? Amantii waan narraa guututti hinqabneef saa’aa diiydamii afuritti bakka an jiruu fi waan ani itti jiru beekuu dandayuuf. Walgayii red cross, Walgayii Norway Aid, walgayii birokrasii ta biraallee Baaletti anatuu geegessuu ture. Woyaaneen hujii ummataaf faaydaa hinqabne ta gara garaa uuma yaroo kaadiree guutuuf, tooyachuuf, kaadiree walitti naquuf, addaan fageessuuf, waljibbisiisuuf. Kaadiree Woyaanee keessa warra gad jiru keessa, namni lama ka guutumatti wal’amanu, yookaanii waljaalatu waan jiru natti hinfaakkaatu. Hujii Machiaveliti hujiin Melesii fi saahiboota isaa!! Sirni dhugamatti har’a achitti dalagutti jiru sirna feudalismi.
Yoo Oromotti as deebine, ani mataa kiyyaan, akka natti fakkaatutti waan mara caalaa wanni hamaan nurra gaye kana:diinni keenna nu caalaa nu beeka natti fakkaata. Akka nu mataa gad qabannee, addaan qoodamnee jirannu nu godhee jira, nu godhutti jira. Alaa qofa odoo hinta’in surrima yookanii sammuu teenna keessaa. Namni haala kanaa akka qulqullutti hjin’argine nu keessa hedduudha. Akka yaanni, fedhiin, eebbi, abjuun isaa abjuu isaa hintaane, wanni inni godhu garri guddaan akkeessa akkeessaa akka taate( imitation of imitation) kahinbeeine asii asii miti.. Dhugamatti waan ofii yaadu, waan ofii fedhu, waan ofii abjaayu, waan ofii eebbifatu ka ka itti fakkaatu. Nama surriin isaa yoodheeraa dhiqamee dhiqamuu isaallee hinbeeine waliin dalaguun guddisee nama dhiba. Hirriibaa isa dammaqsuunillee nama dhiba. Wanni inni sodaatuu fi wanni inni shakku waan diinni sodaatuu fi shakku. Nama akkanaa Oromoollee haata’uu qabachuun nama dhiba. Odoo hinbeeine nama ajjeesa. Diina isaatii fi fira isaa addaan beekuu waan hindandeennef. Dhukkubni nu keessa jiruu fi ka nuu ala jiru tokko. Qorichi isaa ka biraa ta’uu hindandaya
Kaleessuma kana Paltookirrat, namni tokko ka maqaa isaa tuquu ani hinbarbaanne akkana jedhe.“ Isin warra Somaaletti of gurguratee Somaalee ofiin jechuu ture, qubee Oromo isin barsiifnee, Oromoo isin goonee…… “ fi waan kana fakkaatu hasawa. Namni Oromoo ka of beeku akkanatti hinhaasawu. Jechuun kiyya, namni surriin isa hindhiqamin. Namni Oromoo nama godhu hinjiru. Namni Orumumma namaa balleessuu yaale Habashaa maleellee hinjiru, dachii tanarra. Mee Somaaleen maal nu goote? Somaaleen ummata akka keenna cunqurfamaati, ummata Habashaan saamee addaan qoode. Yoo dhuga dubbanne ummanni Somaalee nu gargaare. Lakki. Ummanni biraa ka akka ummata Somaale nu gargaare hinjiru. Fuuldurattillee kaluu tanatti waanjiraatu natti hinfakkatu. Gaafiin ummata Somaleetii fi Gaafiin Ummata Oromoo Gaafii takka: Cunqursaa warra Habashaa jalaa baanee blisa ta’uu. Waliin Habashaa duraa dhaabachuun dirqama. Kana namni beeku hinbeeka. Ka hinfeenene akka fedhe haata’u.
Warra Habashaan sammuu dhiqetu Somalee ija Habashaatiin akka diinaatti laala. Araballee. Arabni maal nu godhee? Amantii Islaamaallee fedhii teennaan fudhanne malee huumnaan itti nu dirqaniitiimiti, yookaanii qabeennaan nu bitanii yookanii nu sossobanimiti…. Asdurallee jedhee ani, ammallee irra deebi’a. Ummanni Oromoo guddinnaan qur’aana dubbisee waan islaamummaan taatee beekeetii miti ka islaama ta’eef, yoo lafii ib beekelle. Warra diina isaa dura dhaabatu waliin dhaabachuuf. Amantii diina isaa dirqamaan fudhachuu diddaafi: Warra diina keenna harma hodhee guddatetu, warra diina keenna waliinn nayaattee, dhuguu baratetuu maqaa Oromootiin har’allee jiraachutti , qabsoo Oromootti gufuu ta’utti jira yoo dhugaa ka dubbannu taate.. Nama Oromoo ka akkanaa kana qabsotti harkisurra nama akka Somaaleetii fi Afar, ka biraallee ka nu waliin miidhame waliin qabsaayutu irra mijjaawa jedha ani.. Nama faaydaa mataa ofitiif dalagutu nu keessaa, keessattu arsii fi harari, warra surriin dhiqamte waliin dhaabatee adeemsa qabsoo Oromoo jallisuuf ummata bal’aa sossobutti jira. Kana beekuun dirqama yoo ammaa kanatti.
Ol’aantummaa Habashaa kuffisuuf karaa tokko qofaan odoo hinta’in karaa aanjawuu maraan qabsaayuu barbaachisa. Waan mara dura dursee dammaquu fi haqa argamsiisuuf dandeetti teennatti amanu, akka isiin guddattu gochuu, ofitti amantii dhabuu fi soda ofirra balleessu dandayuun dirqama. Wanni nu sodaannu martinuu dhugaamiti, akka nu seenuumiti dhugaan. Nama dhugaan qabssayu qofatu akka dhugaan jirtu beeka. Nama waan qabatamarratti hundeeffamee so’cho’u. Namni qabsoo ummata offii cunqurfamatti beekaan gufuu ta’u haa salphatu, hinsalphata. Luqmaa jiruu jalaa odoo fiigu nama ofdagate rabbi nu hingodhin