Skip to content
Nama sadituu manatti waliin haasawa.
A: Abboo dukkana keessaa oltari
B: Ani dukkana jaaladha
A: Dukkana jaaladha! Taa’i kaa dukkana keessa maaltu nugaye.
B: Yoo ifaa, ijji kana laali , san laali naan jetti, nagaya hin’argadhu.
A: Nagaya hin’argattuu! Akkam, akkam si dubbisa har’a?
B: Ani dukkana hinjaaladha siin jedhe. Wanni ani hinjaalanne ibsaa.
A: Ani lachuu hinjaaladha. Waan tokkorratti gogee hafuun maal naa godha!
C: (balbala booro irraa) Ani ibsaa malee dukkana hinbeeku.
A: Kanaafuu fuulli kee ifa.
C: Eee! galatoomi.
B: Ibsaa malee akkam dukkana hinbeeine?
C: Halkan hinrafa. Namni rafu dukkana hin’argu.
B: Guyya hoo?
C: Guyyaa dukkanni eessa jirti?
A: Nu hinjifatte intalli.
C: Waan adii laga gadi!
Ujoolle mee seenaa guddoo keessa seena
joolle laga gudda mee daakki malee ceenaa?
A: Amma oltari kaa
B: Jettanii ree?