Sila maa ofiifi walillee sossobna?

Tokkumman adeemsa qabsoo dhuftii

Oromoon guddinnaan wanni isiin dubbattu waan tokkummaa dhaabbota Oromoti. Wanni gaafachuu nubarbaachisu:

Wanni gaafachuu nu barbaachisu: Nu Oromoo keessa  namni yaadaafi laalchi isaa tokkoo lakkofsa hinqabu. Qabsaayutti jirraa? Maaltu nudhoogge? Tokkummaan dhabamuù? Duraandursee ofittiifi walittillee kijibuu haadhiifnu jedha ani. Namni yoo

yaadaafi hawwwiin isaallee tokko taate hinqabsaaya jechuumiti. Odoo san taatee Oromoon qaata blisa taate.Kun maal nu agarsiisa? Namni dhiitameef yookaanii cunqurfameef ka’ee hinqabsaayu. Haala keenna kanaaf guutumatti geegesssitoota dhaabii qofa aalachuun hinta’u. Oromoon ani ofbeeke jedhu martinuu bakka jirutti itti gafatama. Yoo ka itt dhagayamu ta’e jechuu kiyya. Dubbii alatti hagam tokko nutti dhgayma gaafiin keenna? Gaafii- haala kanaafi eennutuu gafatama jettu tanarrattille ilaalii dheertuu dubbachuu nu hinbarbachisu natti fakkata. Akkasuma rakko tokkummallee irratti dibbee dhayuu haadhiifnu jedha ani.. Dhaabbiin Oromoo heddu ta’uu miti rakkoon. Rakkoon qabsaayu dadhabuu keenna. Warri lakki rakkoon tokkummaan dhabamudhaa jedhu, haga tokkummaan argamtutti qabsaayuu hindandeennu waan jedhu fakkaata.

Ummanni oromoo ummata bal’a. Aadaafi laalchi isaallee bal’a. Amantiifi, naannoon, yoodheeraa addaan fagaatee jira. Qabsoo isaa dhaabbiin heddu jalqabatti geegessuu hindandetti, yoo ka qabsooftuu ta’e. Adeemsi qabsoo akka isiin gaaddisa tokko jalatti waliin hojjattu- minimum programm jalatti- ofumaan dirqama godhuun waan hin’oolle. Dhaabbii heddu keessaa adeemsa qabsoo dheertuutti dhaabbiin lama gurguddoon jirachuu hindandeetti yoo dimokrasy ka barbaannu taate. Dhaabbiin xixiqqoon heddu jiraachuun akkasitti rakko waan ta’u natti hinfakkatu. Kun martinu guutumatti  garuu waan lafa jala murteessan hinta’u. Mantra Oromumma sirbuuf qabsoo waan tokkomiti.

Ammaaf wanni ofgaafachuun nurra jiraatu: Namni bishaan daaku barbaadu tokko ani haga daakki baradhutti bishaanitti ofhindarbu jechuu hindandaya ta’a. Garuu hinta’aa? Qabsoon waan lafa jala dubbiifi yaadaan guutumatti qulqulleesanii itti seenan hintaatu. Qabsoon adeemsa hujii qofaan argamti, qabsoo waranaa, qabsoo siyaasaa, ta qabeennaa, maraa walbira. Qabsoo dhaaba ijaaruu. Qabsoo ifaafi dhoysaan lafa jalaa walbira qabsaayuu. Kuni marti waan hujii qofaan baratani. Karaan qabsoo karaa dheeraa. Jiruu offii mara dhugamaan isii kennuu barbaachisa. Nu ammoo guddinnaan dhugatti karaa gabaabaa barbaanna.Daddfne wahitti gayuu barbnaanna faayda mataa keennaatiif akka nama tokkotokkotti.

Kana maleellee, qabsoon har’a yoomuu caalaa saayinsii taatee jirti. Saayinsii qabsoo kana ammo bakki itti baratan yuniversitoota hinta’u. Dinni ummata keennaalle akka itti barate hinbeeina. Adeemsa qabsoo qofaan saayinsi qabsoo harawa ka diinni keenna hindandeenne uumu dandeenna. Kanaafu bishaanitti ofdarbu NUBABAACHISA: SODAA DIINII KEENNA YOO DHEERA NAFSEE TEENNA KEESSATTI FACAASE BISHAANITTI OFDARBUU QOFAAN HINJIFANNA. NAMA SODA HINJIFATEEF BISHAAN FIRA: HINBAATA, HINQULQULLEESSA. Dheebu isa basa. aKKA OFITTIIFI NAMA ISAATTIILLE AMANU ISA GODHA. Dhaaballee akkuma daakuu barannuun tolchine ijaruu baranna. EEGA DHAABA IJAARREE IRRAA BAANEEMITI KAQABSOOFNU… Qabsoofi dhaba cimtuu ijaaruun waan tokko. Kana mara keessattu wanni yootokkollee dagachuun nurra hijirre:  Dhaabiin miseensonni geegessaa tooyachuu hindandeenne bishaan qabsoo akka gaarii daaku hindandeettu jedhee amana ani. Waa heddu nubarbaachisa. Seena ummatoota nudura qabsaayeerra, ka har’allee qabsaayutti jirurraa maal baranne? Maal baranna? Saboota akka keenna cunqurfamota waliin hagam takka walgagaarutti jirra?Ummanni keenna lakkofsaan gudda ta’uun waan nama boonsu moo waan nama boochisu? Waa tokko jechuu barbaada.. Namni haqa hinqabne ka ammoo sodaa hinqabne, nama haqa qabu ka sodaa offirraa balleessuu hinbeeine hinmooyata. Dinni keenna sodaa teenna abdata. Kanaaf nutuffatalle.Soda namatuu namatti uuma. Waaqaamiti. isiillee namatu ofirraa balleessuu dandaya, waaqaa miti. Kuni waan qabatamatti mataa keennaan beeinu waan ta’eef fakkeenna dhiyeessu nahinbarbaachisu. Ulfaadha namni barreessa tana dubbiftan martinu isiniin jedha.

Isin caalaallee hinbeeku Ta’aa dhiifama naa godhaa.

Leave a Reply