******
واوحى ربك الى النحل ان اتخذي من الجبال بيوتا ومن الشجر ومما يعرشون الخ
صدق الله العظيم
********
Aman: Namni lafa guute.Akkamitti bakka
dhaabannu gaarii arganna?
Burqa: Isintu duubatti nuhambise. Amma nama dhiibna?
Abbaa Burqa: Lafti tuni lafa itti nama dhiibanimiti. Lafa itti dhiibbaa namarratti godhaniimitillee, anuma duubaan natti as kalaayaa deema isin ( duubaan deeman ) Haadha Burqa: amma karra bira geennee asuma haadhabannu. As caala duratti deemna yoo jettan hinta’u.
Ulee karraa: Maal isiniiin jedheeee nuureee biyya dalloooo
Ani hin’oooolu jedheee birkaaa tiyya bal’oooooooooooooo…
Namni martinu: Alahumarhaam Sheikanaa Huseen………
Abba karraa: Galgalli har’aa tuni galgala guddo. Galgalli tana fakkaattu hinjirtu. Baalee Diidaiyoo fi bakka maraa namni as nu waliin dhabata. Karri tuni bakka rakkoo ofii itti himatani. Bineensi nu nyaachutti jira…..
Ulee: Rakkooo teennallee asitti himanna jedhaniiiii
Abbaa karraa: Mee jedhi , mee jedhi takkaa baro
Ule:Yoo labuuu dadalaa dadhabaaan wayyaaheeee
Ani hin’ooolu jedheee birkattiiii kalayeeeeeeeeeee…
Namni Martinu: Allahumarhaam Sheikana Huseen…
Abbaa Gada: Dhugamatti bakki tuni bakka iiti waa walitti himani. Lafti tuniillee lafa jaalalaa ta’uun gaafi hinqabu. Bakka waa iiti himatan qofa odoo hinta’in bakka waa itti galatoomfatanille. Rabbi dachii gaarii nuu keenne. Surrii nuu kenne. Harka nuu kenne. Ija keessaati fi ija alaallee nuu kenne.Tokko godhee nu uume. Goota godhee nu uume .Addaan qoqqoodamuun fedhii uuma yokaanii fedhii ka nu uumee diduu ta’a. Namni isii dide hinsalphata. Luuynummaanillee akkasuma. Maaliif? Luuyni haqa isaatiif hinqabsaayu. Mataa qad qabatee jiraata. Waaqattillee hinamanu. Waaqn haqa jaalata. Kanaaf jecha rabbi luuyna hinjaalatu- ulfinna rabbi isaa kenne waan hinbeeineef.
Oromoon akka bineensaa garaa guuttatee yoo nyaate, akka bineensa walyaabbatee yoo hore eennutuu na bulcha, eennutu na mooyata jedhee hingaafatu amantii jedhu qabaa warri har’a nu mooyatu. Warri nu mooyatu maqaa amantiitiinillee nu gowwoomsee addaan nu qooduu barbaada. Amantiiwwan ammaa duraa rabbiin beekuu turre nu. Warra maqaa amantiiiwwaniitiin, karaaa maraanu, nagadatee jiraatu mara irraa of haa’eeynu, fira keennallee yoo ta’e. Namni kana hinbeeine homaa hinbeeku…. Rabbi gowwaa godhee nu hinuumne. Dhugaa bakka isiin jirtu maratti haabeeinu, haafudhannu; dhara bakka isiin jirtu maratti haadinnu! Dhugaa fi dharrillee bakka mara jirti ofhaa’eeynu.
Amma waan mara dura galanni guddaan rabbii ol’aanaa haagayu, rabbii akka adu maraa ol jiru, ka maraafu ibsu. Galanni isa haa gayu jedhaa mee. ( Namni martinu akkas jedha ) Bineensa nu nyaatullee huumna offirraa baafnuun nuu kenne. Nutu iitti hojjachuu wallaallee male. Rabbiin dhugaa of nuhaabeeisisu, walillee nu haabeeisisu. (Ummanni: aamiin ) Yoo isa hinbeekin walillee beekuun hindandayamu. Isa ka waan mara nuu kenne. . Karri tuni, gandi kuni bakka dhugaa itti walitti himan male, bakka ilaalii itti dubbatani, waljajanii, nyaatanii, dhuganii haga zaaraa dhuftuutti addaan faca’ani taa’aniimiti. Bakka jirru maratti walgayii dharaa dhiifnee walgayii yokaanii waldaya dhugaa haa ijaarru… Yaadaan blisa haataanu! Sheikanaa Huseen nama isaan jaalatu maraa ka biyya alaa fagoo jiruu waliin jiran. Sadaqaallee namni bakka marattuu gochuu dandaya. Wanni Sheikana Huseen nu keessa qubataniif maal isinitti fakkaata? Sheikanaa Huseen, rabbi rahmata isaani haagodhu, odoo nu guddinnaan waan Islaamni “awaamummaa” jedhuun keessa turre nu jaalatan, jechuun, odoo nu islaamummaa keessa guddinnaan hinseenin dura. Maaliif? Waan diina ilma nama, ka rahmata hinbeeine, ka akka dhagaa garaa jabaatu, diina habasha, mootota habashaa, waraanaan dura dhabanneef. Eboon qawwee fi madfii dutra dhaabanne. Du’a filanne xiqqeennarra. Waan nu , wayta hedduun namaa naannoo teenna ta biraatillee abdi dhabee harka kennate, harka kennachuu dinneef, mataa gad qabannee diina ilma namaatii, diina rabbii yookaanii waaqaatii ajajamuu dinneef, dura dhaabanee harka kennachuu dinneef…,irra deebi’aa. Waan isaan nu jaalataniif nullee isaan jalannee. Jaalalli jaalala dhalti. Islaamummaallee waan isiin taate gutumatti qur’aanaa fi hadiitha qaraanee odoo hinbeekin amantii diinni keenna jibuu, amanti Sheikana Huseen, Sheikni jaalalaa itti amanan, waan taateef keessa seenne. Har’allee sababa kanaafu guddinnaan jabeessina.. Ofhaabeeinu tolchinee! Wanni isaan nu keessa qubataniif akka namni isaan jaalatu, namni lafa tana jaalatu martinuuu, namni jiruu dhugaa jaalatu, ka haqa jaalatu, ka as dhufu, quba walqabachuu dandayuufi. Quba walqabachuu fi quba walqabaachuun waan tokkoo mitii naa beekaa…
Ule: Quba walqabachuu fi quba walqabaachuuuun waan tokkooomiti jedhaniiii
Abbaa karra: Abbaan Gadaa na caalaa dhuga dubbatanii, mee iitti nuu haa deeb’anii, baroo jidduu nuu buusi. Ani har’a hindubbadhu.
Ule: Maal isiniiin jette namooon yoo imala baaatuuuuu
Nu duralleee deeemaaa nuduuuballee deemaa
Akka jidduu teeessan lamaaan deeemnuuuu
Jidduuu teeeessaan lamaan yooo deemne
Jidduuu teeenna namuuuu hinseeenuuu…
Abbaa Gadaa: Ani irra deebi’ee takkuma isiniin jedha:Takkitti tana yoo kumallee irra deebi’uu hinhifadhu. Namni as jirtan marti harkaan quba walqabadha ( Quba walqabachuuf socho’a namni heddu ). Yoo addaan facaanillee fagoo walitti hiixannee quba walqabachuu dandeenna beeka…hinsodaatina
Abba karra: Maal eeida Ulee!
Ule: Gaara tokkorraaa maddatuuuu jiraaaa
Maaliif olbaaaneeeee hindhuuyne silaaaaa
Wallaaalleee olhaalaalluuuuuuuuuu
Gadbuuneee walhaaataanuuuu… ……………………
Aman: (Burqaan) Abbaa Gadaa kana silaa waa gaafachuu fedhaa eessatti isa arga! Maal sitti fakkaata wanni inni jedhe?
Burqa: Dhugaa yoo barbadde ani yaadaan bakka biraa jira. Waan traaktera saniittu matarraa nabu’uu didee.
Aman: Traaktera haadha raaw! Waan isaa hinyaadin! Dhiifama!
………………………………….
Abaa Burqaa: ( Jaartiin ) Ima dubbate abbaan Gada! Ima dubbate!
Haadha Burqa: ( kutaa darbataa ) Nurraa dhiisii ! Anii dubbii dadhabe. Ani amma gamoo seenuu barbaada.
Abbaa Burqaa : ( areeda ofii harkaan sukkuumaa ) Dhugaa jette. ( takkaa cal’isee ) Waliin seenna. Muudaaf dhufne.