Afaan Germaniitti ein Mal ist kein Mal jedhama. Bal’ifnee yoo laalle akkana jechuu: Wani namni yoo tokko jalqabatti godhu homaa miti . Yoo balleessaa taate dhiifamatu godhama. Garuu irra hindeebi’in. Yoo tolchaa taate silaa baraavo. Irra deddeebi’ii tolchi. Obboleewaan, obboleettiwwan kiyya nuhi namni Oromo Obboleewwan , obboleettiwwan tiyya, nuhi namni Oromo ka siyaasa keessa seenee hojjate, ammallee har’a hojjachutti jiru yoo heddu waa guddaa balleessine, ammallee balleessutti jirra. Akka nam tokko tokkotillee, akka dhabbatootaatille. Akka lachittuu miseensi geeggessa toyachuu waan hindadayiiniif, ammallee haga ammaattuu waan hindandeenneef, balleessaan balleessarratti tuulamte deemutti jirti. Ani asitti waan dhaabbatoota Oromoo ta durii dubbach- uu hinfedhu, beekamaa waan ta’eef. Wanni haarofni dhaaba Obbo Kamaal geegessutti jiru. Dhaaba tana irraa wanni guddaan ani beeku waan hijirreef guddisee dubbachuu hindandayu. Haata’u malee akka dhabdi tuni jabaatte ofdandettee qabso ummataa geegessu dandeettu hinfedha. Karaa Sagantaa yoo laalle Kamaal sagantaa OLFii waan fudhatee natti fakkata. Akkuma barressa kiyaa ka duraa keessatti jedhee-bariisa.com laala- sagantaan qofni rakko miti. Gaafii mara irra gaafiin duraa ammatti maali? Ani mataa kiyyaan akkuma beekamu yoo gababa Wayyane waliin OPDO keessa dalage. Wanni ani dhiisee deemeef OPDOon dhaaba gabrumma ta’uun waan ifa naa ta’efi. Anaaf gabrummaa takka jalaa bayani gabrummaa biraa kessa seenuun gaafi keessa hinseenu. Kanaafu wanni ammatti gaafachuun nurra jiraatu: Mootummaan Eertira dhaaba Kamaal akka isiin blisa taatee dalagdu feetii, dhiiftii gaafii jettu. Yoo mootummaan Eertira gaafii ummata keenna dhamaan ka gargaartu taatee isii galatoomfanne jabeessine socho’utu , qabsaayutuu nurra jira. Yoo mootumaan Eertira gaafii teenna faayda mataa oftiif qofa ka itti taphattu taatille sanuu akka gaarii beeinee nullee akka gaari tabachuu dandayuu nu barbachisa. Akka lachittuu dhugaan, haqqaan hojjachuu barbachisa. Namni gariin siyaasaan tapha yoo jedhuu, kijibnillee hin’eeyyamama waan jedhamu itti fakkaata.
Namni haqaan deemu sodaa malee karaa haqaa irra deemuu isa barbachisa yaada jedhu qaba ani. Taphni siyaasa haata’u. Okay. Ammoo dhugaaf hata’u. Irra deddeebinee akka hinbaleessine.
Gaafii tanaafi gaaffiwwan biraarrattille dhugaa akka natti mula’tutti bal’innaan jalqaba bariisa.com irratti afaan ingliiziitiin katabee jira. Barressa san akka dubbiftan irra deebi’ee isin gaafadha. Fuulduratti Oromiffatti gara galchuu hinyaada. Yaada keessanille bariisa. com gaafii malee isini bafti.